September 29, 2024

Warshaa Simmintoo Lammii Naashinaal guyyaatti simmintoo kuntaala 150,000 homishuu danda’u eebbifnee hojii jalqabsiifneerra. Piroojektiin meeggaan kun hejjennoo mootummaa keenyaa cimaa kan ta’e saffisa, guddinaafi qulqullinaan ijaaruu danda’uutiif agarsiiftuudha. Misoomawwan bu’uraa baay’ee barbaachisaa ta’an saffisaafi gahumsaan xumuranii qoohee taasisuu danda’uuf fakkeenya kan ta’udha. Kun warshaaleen walfakkaatan wayita ammaa biyya keenya jiran ida’amanii kan homishan dhibbeentaa 50 kan homishudha. Warri kun akka dhugoomu hirmaattan hundi baga gammaddani.

Waggaa lama booda wayitan bakka kanatti deebi’u saffisa hojichaa agarsiiftuu hooggansaa ta’e bay’ee ajaa’ibsiifadheera. Piroojektichi hojii walfakkaataa cimaa akkasiitiin dhaloonni egeree hiyyummaa akka hin dhaalle hinumaayyuu guddinaafi badhaadhinaaf bu’urri gaariin akka isa eeggatu agarsiisa.

Pirojektoota indaastrii akka Lammii guutummaa biyya keenyaatti yoo baay’ifne firiin baay’achuu hojii uumuufi guddina biyyaarratti qaban kan gita hin qabne ta’a. Keessaayyuu homisha sibiilaa, homisha xaa’oo, darbees dhiibbaan warraaksa indaastrii bal’aafi misooma qonnaarratti qabaatu bal’aadha.

Qormaatileen biyyoota gurguddoo akka Itoophiyaa jiran mudatan furmaatawwan sadarkaa olaanaa qaban gaafatu. Walta’insi waloo mootummaafi damee dhuunfaa qabeenyaa hin tuqamneefi carraawwan jiranitti fayyadamuuf darbees rakkoowwan hudhaa ta’an furuuf murteessaadha. Hojiiwwan kana fakkaatan irra maallaqa ofii oolchuudhaan jireenya lammiilee hedduu fooyyessuu akkaasumas haala ulfina aabeessa ta’een akka jiraatan gochuun ni danda’ama.

Posted in: Uncategorized

Leave a comment